Waa'ee ajjeechaa Hawwaa Galaan qaamoleen mootummaafi jaarmiyaaleen maal jedhan?

Danaa Qeellam Wallaggaa magaalaa Dambi Doolloo

Erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad Wiixata darbe (Adoolessa 4, 2022) Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaaniitti lammiilee irratti haleellaan banamuu ibsanii dhimmi kun ijoo dubbii ta'eera.

Qondaaltota mootummaa kaasee hanga mormitootaatti, miseensota paarlaamaa hanga miseensota paartii biyya bulchuutti akkasumas jaarmiyaaleen mirga namoommaaf falamanii fi biyyoonni alaa dhimma kanarratti dubbatan.

Jalqaba odeessa kana miidiyaa hawaasaa isaanii irratti kan baasan Ministirri Muummee Abiy, "Gadda lammiilee keenyarra gaheen gaddaa, garee shororkeessaa kana uummata keenya waliin hamma dhumaatti hordofnee ni dhabamsiifna," jedhan.

MM Abiy Ahimad haleellaa kana raawwate jechuun kan himatan Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO), kan motummaan Shanee jechuun shororkeessaan galmeesseedha.

Haaluma walfakkaatunis guyyuuma Adooleessa 4, 2022tti, Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaas Aanaa Hawwaa Galaan, ollaa 20 fi 21 jedhaman keessatti namoonni nagaa lakkoofsaan adda hin baafamne ajjeefamu hime.

Komishinichi maddeen eeruunis, haleellicha kan raawwate hidhattoota Shanee jedhamaniidha jedhee ture.

Haata'u malee garee hidhataa kun ammoo, ajjeecha kana humnootuma mootummaatu raawwate jechuun himannaa irratti dhiyeeteef waakkate.

Dubbi himaan idil-addunyaa WBO, Odaa Tarbii bakka ajjeechaa kun itti raawwate jedhame kan ture humni raayyaa ittisa biyyaa akka ta'eefi wayita milishoonni mootummaa uummata jumlaan ajjeesan tarkaanfii homaa hin fudhanne jechuun tiwiitarii irratti barreessan.

Maxxansa Twitter irra dabri
Qabiyyee Twitter hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Twitterimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa Twitter

Gareen kunis ajjeechaa yeroo garaa garaatti raawwatamaniif qorannoon walabaa akka godhamus irra deebiin waamicha dhiyeessee jira.

Kamisa darbe (Waxabajjii 30, 2022) haala nageenyaa fi tasagabbii biyyattii yeroo ammaa irratti ibsa kan kennan Ministirri Kominikeeshinii Federaalaa Laggase Tulluu (PhD), aanaaleen Godinaalee Oromiyaa kanneen akka Qeellam Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argaman tarkaanfii qindaawaa humnootii nageenyaatiin guutummaatti to'annoo mootummaa jala galuu ibsanii turan.

Bakka dhalattoonni sabaan Amaara ta'an keessatti ajjeefaman jedhame aanaan Hawwaa Galaanis godinaalee mootummaan to'adheera jedhe, godina Qeellam Wallaggaa keessatti argama.

Haleellaa kana mootummaan ibsuu malee lakkoofsa namoota ajjeefamanii hin himne. Namoonni ijaan argan garuu ammallee reenfa awwaalaa jirra jedhan.

Imbasiin Ameerikaa magaalaa Finfinnee jirus ajjeechaa Adoolessa 4 raawwatameen gadduu ibsee, qaamni gaafatama fudhatu jiraachuu qaba jedhe.

Gama kaaniin Ittaanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa, Obbo Dammaqe Makonnin haleellaan kun saba Amaaraa irratti kan xiyyeeffate ta'us, dhalattoota Oromoo haleellicha ittisuuf yaalaa turan irrattis raawwateera jedhan.

Taateewwan yeroo dhiyoo as biyyattii keessatti raawwatamanii fi maqaa sabaatti maxxanfaman kanneen ilaachisuun karaa Feesbuukii isaanitiin kallattiin ibsa kan kennan, paartii badhaadhinaa irraa miseensa paarlaamaa kan ta'an, Hangaasaa Ibraahim ijoo dubbii ta'aniiru.

Obbo Hangaasaan kaleessa Adoolessa 05, 2022 wayita ibsa kennan haleellaa Godinaalee gara lixa Oromiyaa- Qeellam Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaatti raawwatamaniif kan itti gaafatamu qaamolee mootummaatti jedhan.

Haleellaan Aanaa Gimbii ganda Tolee fi Aanaa Hawwaa Galaan Machaaraa fi Gabaa Roobii mootummaan waraana bilisummaatti qabatu humnoota nageenyaa mootummaatiin raawwatamuu dubbatan miseensi paarlaamaa kun.

''Ajjeechaawwan ibsamaa jiran Shaneen Jaal Marroon hoogganamtu hin raawwanne. Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaatu raawwate,'' jechuun kanaafis ragaa qabatamaa qabaachuu kallattiin dhiyaachun kaleessa galgala dubbatan.

Haata'u malee BBC himannaa Obbo Hangaasaan dhiyeessan kana madda walabaa irraa hin mirkanneeffanne.

Miseensi paarlaamaa kun ajjeechaawwan naannoo Oromiyaa keessatti raawwataman irratti wayita caasaa mootummaa naannoo Oromiyaa komatan kun kan jalqabaasaanii miti.

Sadaasa 22, 2021 Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti ajjeechaa kan raawwate hooggansa mootummaa Naannoo Oromiyaa keessa jiru ta'uu Obbo Hangaasaa fi Deetaa Ministiraa Ministeera Nagaa Itoophiyaa fi miseensi caffee Oromiyaa akkasumas qondaala paartii badhaadhinaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa ibsanii turan.

Kana malees qondaaltonni kunneen qondaaltonni caasaa mootummaa naannoo Oromiyaa hanna simintoo fi jimaa irratti bobba'an jechuun himatanii akka turan ni yaadatama.

Haata'u malee paartiin badhaadhinaa naannoo Oromiyaa qorannoo taasiseera jedheen hooggantoonni paartichaa daldala jimaa fi simintoo keessa akka hin seenne ibsee, ajjeechaa Karrayyuu ammoo qoratee akka ifoomsu ibsa baasee ture.

Boodaras Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qorannoo gaggeesseen mirkaneesseera jechuun haaluma baaseen, abbootii Gadaa Karrayyuu kan ajjeessan humnootii nageenyaa motummaa naannoo Oromiyaa ta'u ibsu hordofes, kanneen ajjeechaa sanaan shakkaman to'annoo jala oolfamu naannichaan ibsamunsaa ni yaadatama.

Deetaan Ministiraa Ministeera Nagaa Obbo Taayyee Danda'aa ajjeechaawwan Gimbii fi Qeellam Wallaggaatti raawwatamaniif itti gaafatamummaan jiraachuu akka qabaatu feesbuukii isaaniirratti barreessaniiru.

''Osoo dubbannuu balleessaan kan eenyuutii? Gaafataa fi gaafatamaan jiraachuu qaba. Itti gaafatamummaan dhibuusaatiin rakkoon tokko yeroo dhibba deddeebi'ee mudata,'' jedhan.

Waggoota sadan darban Oromiyaa keessatti uummanni sababa rakkoo nageenyaatiin kan yeroo kamuu caalaa gidirfameera kan jedhan qondaalli motummaa naannichaa kun, haala kanaan itti fufnaan rakkoon kun to'annoon ala ba'a jechuun akeekkachisan.