Leenjiin 'Gaachana Sirnaa' Oromiyaa keessatti kennamaa jiru maali?

leenjii Gaachana Sirnaa

Madda suuraa, Kominikeeshinii Saqqaa Coqorsaa

Godinaalee Oromiyaa keessatti caasaa mootummaan leenjiin bu'uura loltummaa ''Gaachana Sirnaa'' jedhamu kennamuu eegaluu mootummaan naannoo Oromiyaa beeksise.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti hidhattoota TPLF waliin godhamuuf dargaggeeyyiin fedhii isaaniin miseensa waraana Itoophiyaa ta'uuf galmaahani mooraa leenjii galanii leenji'aa kan jiran ta'us, Oromiyaa aanaalee adda addaa keessatti ammoo qaamoleen hawaasaa leenjii ''Gaachana Sirna'' jedhu fudhachuu eegalaniiru.

Leenjiin kun maalii? jennee kan gaafanneen hoogganaan Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa, ''hiikni isaa fuullee jira, hiika biraa hin barbaadu,'' jedhan.

''Sirni uummatni ofii isaatiin ijaarrate, hirmaannaafi abbummaa uummatichaatiin eegamuutu irra jiraata,'' kan jedhan Obbo Getaachoon, leenjiin ''Gaachana Sirnaa'' beekumsa uummatichi ''sirna ofii dhaabe'' ittiin eeggatu horachiisuuf kennamaa jiraa jedhan.

Uummatni qe'ee isaarraa qabee nageenya isaa akka eegachuu danda'uuf hubannoo kennuuf ganda ganda keessaa namoota gahumsa qabaniif leenjin kennamaa jira jedhan.

''Qaamoleen hawaasaa kun ganda gandatti milishaafi qaamolee nageenyaa biroo deeggaranii nageenya eeguu akka dand'an gochuudha kaayyoon leenjichaa,'' jedhan Obbo Getaachoon.

Leenjiin akka kanaa amma dura akka naannootti yoo kennamu kan jalqabaaa ta'uun walqabatee mootummaan yaaddoo qabaateet leenjii kana eegalee jedhamaniis gaafatamaniiru Obbo Getaachoon.

''Wanti yaaddoo ta'e hin jiru, wanti yaaddoo ta'us hin jiru. Humnoonni keessaaf alaan duulan jiraachuu danda'u. Kanaaf, dursee beekee qophaa'uutu isarra jiraata kan jedhudha kaayyoon isaa inni guddaan,'' jedhan.

Dubartii leenjii gaacha sirnaa fudhachaa jirtu

Madda suuraa, Badhaadhina Harargee Lixaa

Biyyootni lammiileen leenjii loltummaa dirqamaan akka fudhatan godhan jiru jedhanii, ''keenya achi gahuu baatus hunduu milishaa qe'ee isaafi ganda isaa akka ta'u hubannoo qabaachuu qaba,'' jedhan.

Ifatti qaamni uummatni akka ofirraa eeggatu irratti qophaa'aa jiru eenyu akka ta'e ibsuu baatus gareeleen saamichaa gurmaan jiruu jedhan Obbo Getaachoon.

Amma dura akkuma beekamu qaamoleen nageenyaa gahee nageenya eeguu hojjechaa akka jiran himanii humni hawaasaa kun hojii qaamolee nageenyaa deeggara malee bakka qaamolee nageenyaa hin bu'uu jedhan.

''Humna dabalataa hawaasaa ijaaruudha. Nageenyi hirmaannaa uummataa guutuu malee milkaahuu hin danda'u.''

Erga leenjiin kun kennamuu eegalee suuraaleen haala leenjiin kun itti kennamaa jiru agarsiisaan miidiyaale hawaasaa gubbaatti qoodamaa jiran miira adda addaa uumaniiru.

Haadholii daa'ima dugdatti baatan dabalatee namoota leenjicharratti hirmaatan irraa qabee akka itti leenji'aa jiran irratti namni qoosaa fi gaaffiis kaasaa jira.

Dhimma kanaaf deebii akka kennan kan gaafataman obbo Getaachoon akkaataa leenjichi itti kennamurratti ibsuun akka isaan rakkisu himan.

Qaamolee nageenyaan leenjii kennaamaa jiru akka ta'eefi oogummaa qaama balaa ofiifi hawaasarraa gahuu to'achuu isaan dandeessisuu kan ittiin horatan ta'uu akka beekanis himan.

Lenjichi hawaasa guutuuf kennama haala jedhuun odeeffannoo akka hin qabnes dabalanii ibsaniiru.

Tibba kana hidhattootni WBO kan mootummaan ''Shanee'' jedhuun paarlaamaa Itoophiyaan garee shorokeessaa jedhamee kutaalee godinoota tokko tokko keessatti gandoota to'achaa akka jiru himama.

Mootummaan gama isaan gandootni to'annoo waraana kanaan qabame hin jiru jechuun waakkata.

Torbanoota dura gareen kun hudhattoota dhaaba TPLF kan mootummaan shororkeessummaatti ramade waliin waraanaan walta'uun hojjechuuf waliigaltee raawwachuu ibseera.

Mootumaan gareen lameen amma duras dhoksaan waliin hojjechaa turan jechuun himachaa bahe.