Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Gadaa Karrayyuu garee shororkeessaa shaneen ajjeefaman

Finfinnee, Sadaasa  24, 2014 (FBC)- Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas Boruu garee shororkeessaa shaneen ajjeefamuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa  ibseera.

Mootummaan Naannichaas ajjeecha Abbaa Gadaa Karrayyuurratti raawwatameef gadda itti dhaga’aamee ibseera.

Guutuun ibsicha akka argaman gadiiti dhiyaateera.

Abbaan Gadaa Karrayyuu garee shororkeessaa shaneen ajjeefaman

Maseenni yaadamaa fi kaayyoo ummatummaa hin qabne Shaneen kaleessaa hanga har’aatti madda salphina ummata Oromoo taatee itti fuftee jirti. Yeroo Oromoon dararaa hamaa keessa turetti qawween Shanee diinaaf garaa laafe har’a Oromoorratti jabaatee jira. Guyyaa guyyaatti namoota nagaa homaa keessaa harka hin qabne karaa sukkaneessaa ta’een ajjeesuun gara jabummaa ummata Oromoorratti qaban daran mirkaneeffataa jiru. Shaneen safuu fi safeeffannaa hin beekne, jaarroolii, abootii Gadaa fi haadholii siinqee ulfina qaban ajjeesaa fi salphisaa as gahaniiru. Namoota ulfoo akkasii ajjeesuu fi salphisuun akeeka Oromoo akka sabaatti salphisanii dantaa ergamtummaarraa argamu mirkaneeffachuurraa waan madduuf; kaayyoo itti uumamaniif waan ta’eefis baay’ee kan nama raajuu miti.

Kanaan dura Shaneen Godina Gujiitti jaarsa biyyaa ummanni kabajuu fi safeeffatu Haajii Umar Waaculee karaa sukkanneessaa ta’een ajjeesuun hammeenyummaa ishee agarsiiste. Dhiyoo kana ammoo Godina Baaleetti maanguddoo ulfaatoo Hajii Aloo irratti yaalii ajjeechaa raawwachuun akka tasaa lubbuun isaanii baraaramuu danda’eera. Si’ana ammoo, ummanni Karrayyuu natu biyyaa fi sirna kootiif jira jedhee hiriira deeggarsaa bahuu isaa hordofuun, shaneen abdii kutannaa keessa galate ‘’situ ummata nurratti kakaase’’ karaa jedhuun Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas Boruu karaa sukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiru. Ajjeechaa sukaneessaa Shororkeessaa Shaneen Abbaa Gadaa Karayyuu Kadiir Hawaas Boruu irratti raawwateen Mootummaan Naannoo Oromiyaa gadda itti dhagahame ibsa. Kaayyoo fi akeekni Shanee carraa argatan hundaan Oromoo salphisuudha. Gooftaa isaanii wayyaanee dabalatee xummurri awwaalcha isaanii waan dhiyaateef, abdii kutannaarraa kan ka’e tarkaanfii garjabinaan guutame ummata irratti fudhachuu waan maltuuf ummanni qaama nageenyaa waliin qindaa’uun humna ergamtuu salphina Oromootiif halkanii guyyaa dhamaatu kana hundeerraa buqqisuuf tumsa yeroon gaafatu taasisuu qaba.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.